Galchitoota gabaa Zayitaarratti dhiibbaa uumaan mootummaan to’achuu akka qabu daldaltoonni gaafatan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) –Galchitoota gabaa Zayitaarratti dhiibbaa uumaa jiran mootummaan to’achuu akka qabu daldaltoonni Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasiisan ibsan.

Mootummaan abbootiin qabeenyaa meeshaalee bu’uuraa eeyyama sharafa alaa malee akka galchan eeyyamus gatiin tasgabbaa’uu kan hin dandeenye ta’uu ibsameera.

Galchitoonni hanqinni oomishaa osoo hin muudatin faayidaa dhuunfaa isaaniif qofa xiyyeeffannoo laachuun akka fedhanitti gabaa naannessaa jiraachuu himameera.

Faanaa Broodkaastiing Korporeetii dhimmicharratti qorannoo taasiisuuf yaaleen daldaltoonni Galchitootarraa Zayita daldaltoota Qinxaaboof dhiyeessan, galchichi eenyu akka ta’ee fi gatii hangamiin akka galchan odeeffannoon qaban kan hin jirre ta’uu hubateera.

Daldaltoota daldala Jumlaarratti bobba’aniif Zayitni alaa galuu gama faddaaltootaan ta’uu bira ga’ameera.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo laachuu maaliif akka dadhabe gaafaateera.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa obbo Hasan hanqinni jiraachuu eeruun, murtoon mootummaan dhimma gatiirratti harka keessa akka galfannu dabarse waan hin jirree dhimmichi rakkisaa ta’uu eeraniiru.

Hanqinoota damichaan muul’ate furuuf qaamolee dhimmichi ilaallaatu waliin hojiin hojjetamuu eegalee cimuu akka qabu dubbataniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment