Galatoomaa-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obboo Shimallis Abdiisaa hawaasaa hiriiraa ba’uun deeggarsa isaa calaqqisiise galateeffataniiru.

Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti “Baatanii deeggarsa sirna keessaniif qabdan ibsachuudhaan ergaa dabarfattaniif galataa fi kabaja guddaa isiniif qabna”

Dabalataanis badhaadhina hundagaleessa ni mirkaneessina jedhanii bilisummaa, wal-qixxummaa fi Obbolummaan sabdaneessummaa wabii tokkummaa Ityoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Guyyaa har’a hiriirri deeggarsaa injifannoowwanii fi milkaa’inaalee jijjiiramaan booda galmaa’an itti fusiisuuf kaayyeffatee godinaalee fi magaalotaa Naannoo Oromiyaa hundatti gaggeeffameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment