Galateeffachuun isa galateeffamuuf jabina kenna jedhan adde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Galateeffachuun isa galateeffamuuf jabina kenna jedhan itti aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee adde Adaanach Abeebee.

Waamicha bulchiinsa magaalichaatiin lammii gargaaruuf maallaqaan, kanneen birootiin fi qindeessuun dhaabbilee fi namoota dhuunfaa gargaarsa taasisaniif beekkamtii galataan guutame kennameefira jedhan.

Bara 2013 tti hundi keenyaa hojii hedduu itti galateeffatmnu hojjachuuf waliin hojjachuu keenya itti fufuutu nurraa eegamas jedha fuula Feesbuukii isaanirratti.

Itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonnin fi angaa’onni mootummaa olaanoon biroollee sagantaa kanarratti argamuu isaanitiif galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment