Galaana Diimaarratti biyyoonni naannawichaa akkuma Itiyoophiyaa carraaqqii taasisuu qabu -Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Akkuma Itiyoophiyaan Galaanaa Diimaa ilaalchisee carraaqqi olaanaa taasisaa turte biyyoonni naannawichaas carraaqqii taasisuu qabu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy dhimma Galaana Diimaa Ilaalchisuun ibsa Paaralaamaaf kennaniin, hanga ammaatti Itiyoophiyaan carraaqqii olaanaa taasisuu eeruun kana booda biyyoonni ollaas dhimmicharratti xiyyeeffachuun carraaqqii taasisuu akka qaban akeekan.

Rakkoon naannawaa Galaanaa Diimaatti mudatee sirna daldalaa Itiyoophiyaa qofaa utuu hintaanee kan biyyoota galaanichaa fayyadamaniirratti dhiibaa uumuus kaasaniiru.

Galaanni Diimaan dhimma itti fufiinsa Itiyoophiyaati kan jedha Dooktar Abiy, biyyoota biroo waliin ta’uun haala nageenyii fi misoomni naannawaa Galaanaa Diimaatti mirkanaa’u danda’uu mala dhahuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa kennaniin, ammallee Itiyoophiyaan mariif qophii ta’uu eeran.

Dooktar Abiy Ahimad ibsa Paarlaamaaf kennaniin akka jedhanitti, gaaffilee Ijipti qabdu dhaggeeffachun furuuf qophii ta’uu fi Ijiptis gaaffilee Itiyoophiyaa dhaggeeffachuuf qophii ta’uu qabdi.

Itiyoophiyaan bishaan hidha haaromsaa guutuuf wayita eegaltu bishaanni Hidha Aswaan ni hir’isa jedhamuun kan ololamaa ture sirrii akka hintaanee qabatamaan argisiiseera jedhan.

Yeroo ammaas dhimmi guutiinsa bishaan hidhichaa gaaffii akka hintaane kaasuun, Itiyoophiyaan marii fi walta’iinsan guddachuutti kan amantu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment