Gaheen dargaggeessa bara keenyaa Ityoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuudha – Obbo Mallas Alamuu

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Gaheen dargaggeessa bara keenyaa Ityoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuudha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mallas Alamuun.
“Gahee dargaggoota bara keenyaa!” mata duree jedhuun Waltajjiin marii dargaggoota dhiibbaa uumtootaa gaggeeffamaa jira.
Daraggoonni kunneen sadarkaa biyyaatti Proojektoota eegalanii xumuruu qormaata guddaa ture yeroo ammaa qisaasa’inaa fi hannarraa karaa bilisa ta’een yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Gaheen dargaggeessa bara keenyaa Ityoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuudha malee Proojektii biyya diiguu miti jedhan jedhan Obbo Mallas Alamuun.
Nageenyii fi misoomni yeroo kamuu kan hin dhaabbanne bu’uura birmadummaa biyyaa ta’uu eeraniiru.
Dargaggoonni sochii magaalichatti taasiifamu hirmaannaa isaaniin mirkanneesuu akka qaban gaafachuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment