Gahee dameen qonnaa guddinaa diinagdeef qabu tilmaamuun dhiyeessiin faayinaansii jiraachuu qaba jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC)- Dameen qonnaa guddinaa diinagdeef gahee olaanaa qabu tilmaama keessa galchuun dhiyeessiin faayinaansii jiraachuu akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee Ibsan.

Ministeerri Qonnaa, Inistiitiyuutii Ce’umsa Qonnaa Ityoophiyaa fi Baankii Biyyaalessaa waliin ta’uun Waltajjiin Qorannoo Faayinaansii qonnaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Girmaa Amanteen dameen qonnaan qabeenyaaleen hintuqamnee hedduun akka jiran eeruun, bishaan, lafaa fi humna namaa olaanaa jiru fayyadamuun oomisha fooyya’aa oomishuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Mootummaan dameen qonnaa akka ammayyaa’uuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu eeruun, makkaanaayizeeshiniif kan tajaajilaan meeshaaleen qonnaa 500 ol qaraxarraa walabaa akka galfaman taasisfamuu kaasaniiru.

Guddina damechaaf mootummaan hojjechaa jiraatus, dhaabbileen faayinaansii damee qonnaaf liqiin dhiyeessan ammas gadaanaa ta’uu himaniiru.

Kanaanis dameen qonnaa guddina waliigalaa diinagdeef gahee olaanaa qabu giddugaleffachuun dhiyeessiin faayinaansii jiraachuu akka qabu ibsaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Baankii Biyyaalesaa Obbo Solomoon Dastaa gama isaaniin, qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni qabeenyaa socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii akka argatan kan taasisuu labsiin ba’uu dubbataniiru.

Dhiyeessii faayinaansiis baankilee cimsuuf labsicha sirnaan hojiirra oolchuu akka eegalan hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment