Gafarsa Gujeetti Pirojektoonni Birri biiliyoona 1.2’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Pirojektoonni misoomaa Birrii biiliyoona 1.2’n ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Saganticharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Kantiibaan Magaalattii Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Pirojektoonni eebbifaman kunneen manneen barnootaa bu’uura boruu, mana barnootaa modeelaa eegduu Shaggar sadarkaa 1ffaa, riqicha, waajjira bulchiinsaa Aanaa kolooboo, bo’oo lolaa, indaastirii godoo, daandii cirrachaa, mana murtii aadaa fi kanneen biroo baajata Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman ta’uun ibsamuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment