Ga’ee Gootoonni Oromoo birmadummaa biyyaa keessatti qaban dhaloota barsiisuun dirqama – Hayyoota seenaa Yuunivarsiitii Salaalee

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Ga ‘ee Gootoonni Oromoo birmadummaa biyyaa kabachisuu fi ijaarsa biyyaa keessatti qaban dhaloota barsiisuuf dirqama isaanii kan ba’an ta’uu hayyoonni seenaa Yuunivarsiitii Salaalee ibsaniiru.

Yuunivasiitiin Salaalee seenaa gootootni Oromoo waraana Adwaarratti hojjetan daraan beeksisuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Yuunivarsiitichatti guyyaan injifannoo Adwaa waggaa 127ffaan marii paanaaliin kabajameera.

Seenaa ijaarsa Ityoophiyaa keessatti gootonni Oromoo gahee addadurummaa bahachaa turuu marichaan ka’eera.

Haa ta’uutii, qixa gootummaa isaaniin seenaan himamaafi hin turre jedhan hayyoonni seenaa Yuunivarsiitichaa.

Seenaan barreeffamaa ture rakkoo waan qabuuf qaamni hunduu kana sirreessuuf dirqama isaa bahachu qaba jedhan Hayyoonni kunnniin.

Seenaa injifannoo Adwaarratti qorannoo fi qo’onnoo dhugaarratti hunda’e gaggeessuun dhaloonni ammaa dhugaa qabataamaan jiru akka baruuf hojjechuun murteessaa ta’uu Itti aanaan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Tsaggaayee Dayyuun ibsuu OBN gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment