Gabaasni sagantaa damee misooma qonnaa Afrikaarratti xiyyeeffatee yaa’ii hoggantootaaf ni dhiyaata

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC)- Gabaasni sagantaa damee misooma qonnaa Afrikaarratti xiyyeeffatee yaa’ii hoggantootaaf dhiyaachuun kan irratti mari’atamuu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ministir deetaan Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa aadde Salaamaawwiit Kaasaa, Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan wixineewwan labsii dhiyaaturratti marii ni taasifamaa jechuun ibsaniiru.

Aadde Salaamaawwit ibsa miidiyaleef kennaaniin, Yaa’ichi mata duree ‘ijaarsa daandeetti sirna nyaata Afrikaa, misooma humna namaa, misoomaa diinagdee fi hawaasummaa ariifachiisuu’ jedhuun mata duree Gamtaa Afrikaa 2022 qopheesseerratti ni mari’atamaan eegama.

Amajjii 28 fi 29 kan gagggeeffamuu yaa’iin Hoggantoota gamtichaa ajandoota wixinee dhiyaataan irratti ni mari’atuun eegama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment