Gabaasni ogeeyyii koomishinii mirgoota namoomaa fedhii siyaasaa raawwachiisuuf kan oolee fi haqa jiru kan haaledha-Jeef Piirsi

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Gabaasni Ogeeyyii Koomishinii Mirgoota Namoomaa dhimma Ityoophiyaarratti baase, fedhii siyaasaa raawwachiisuuf kan oolee fi haqa jiru kan haaledha jechuun Qorataan Seenaa Jeef Piirsi ibsan.

Jeef Piirsi gabaasa bu’aa qorannoo Koomishinii Mirga Namoomaa irratti yaadaa isaa kan eere yoo ta’u, namoonni maddeen qorannichaa ta’uun afeeraman eeruun miidiyaa hawaasumma isaarratti akka ibsetti, gabaasni gochaa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudateera jechuun koomishinichi dhiyeesse garee shororkeessaa ABUT’f kan looge yoo ta’u, maddeen odeeffannoo koomishinichi eereelle kan naasise akka ta’e ibseera.

Maddeen ragaaf adeemsa qorannoo keessatti odeefannoo kennuun akka hirmaatan kan koomishinichii afeere, qabatamaan arguu isaanii gabaasicha keessatti kan hineeramne ta’uu qorataan seena Lammii Kanaadaa Jeef Piirsi ni hima.

Qorannichis ulaagaa qorannoo akka hinguunne ibseera.

Sarbama mirga namoomaa Naannoo Tigiraay fi naannoo Amaaratti raawwateera jechuun koomishinichi baasee daandii barbaade qofaan dhiyeessuu maddeen qorannichaa eeruun kan ibsu.

Akkasumaas Naannoo Afaaritti duguggaa, manneen jireenyaa, masjiidotaa fi kanneen biroorratti haleellaa meeshaalee waraanaa guguddaa raawwate hunda hammachiisuu akka hinbarbaannee fi dararaa buqqaaatota naannicha keessaa akka hinabuurree fi qorannichaan akka hinsakatta’amne barreeffamaa isaan Jeef Piirsi kan ibsu.

Barreessichi qorannoo Koomishinii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa gaggeesse namoomaaf quuqame akka hintaanee fi ajandaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessuun fedhii isaa gama Mana Maree Nageenyaan raawwachiisuuf ta’uu ibsa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa chaartara isaa keessatti kaayyoo hundeeffameefiin alatti dhimmoota siyaasaa fi namuusaan alaa keessa kan hinseenne ta’uu kan raggaasisu ta’us, Daayrektara isaa Tewoodiroos Adihaanom garuu guyyatti si’a saddet ol odeeffannoowwan qabiyyee siyaasaa garee shororkeessaa akka qoodan Jeef barreeffamaa isaan ibseera.

Miidiyaaleen biyyootaa Dhihaa gabaasa garee shororkeessaa ABUT daa’imman hidhachiiseera jedhullee gabaasa koomishinichaa keessatti akka hineeramne Jeef Piirsi kan himu.

Weerarri garechi raawwate dambalii ummataa akka fayyadame koomishinichi gabaasichaan waan eeree akka hinqabne, deeggarsi namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanis %70 ta’us Tigiraayiin qaqqabu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee, gareen shororkeessa ABUT dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi boba’aa bootteewwan 12 saamuu gabaasaa isaa keessatti irra dibee darbuun akka raajeffachiiseen ibseera.

Ityoophiyaan yaa’ii waliigalaa niwuyoorkirraa murtee haqa qabeessa akka hineegne, caalaatti ammo gamtaa dhimmoota diinagdee fi nageenyaa ardichaarratti hojjetu ijaaruuf yeroo kamiyyuu caalaa biyyoota Afriikaa qindeessuu akka qabdu barreeffamaa isaaniin yaadaa isaani ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment