Gabaasa qorannoo guyyaa har’aatiin namoonni dabalataa 486 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo guyyaa har’aatiin namoonni dabalataa 486 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 7227 kan hojjetame yoo ta’u, 486  irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 72,173 vaayrasichaan qabamaniiru.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,155lubbuu isaanii dhabaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment