Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 533 irratti vaayrasiin koroonaa yoo argamu, 13 lubbuu isaanii dhabaniiru

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 533 irratti vaayrasiin koroonaa yoo argamu, 13 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Sa’aa 24 darbeetin qorannaan samuudaa 4871 kan hojjetame yoo ta’u, 533 vaayrasichaan qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
Waliigalaan Ityoophiyaatti qorannaadhan vaayrasichi kan irratti argame 103928 qaqqabeera.
Waliigalaan kan dandamatan 64593, kan lubbuu isaanii dhaban ammoo 1601 qaqqabeera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Comments (0)
Add Comment