Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 336 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 12 lubbuun isaanii darbeera

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 336 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 12 lubbuun isaanii darbeera.

Sa’aa 24 darbeetin qorannaan laabraatoorii 4213 hojjetamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ityoophiyaatti qoranna gaggeeffamen lakkoofsi namoot vaayrasichi irratti aargamee 103,056 qaqqabeera.

Waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 1581 ga’uu ministeerichi beeksiseera.

Hanga har’aatti kan dandamaatan waligallaan 64130dha.

Waliigalaan qorannaan samuudaa 1,566,221 ga’eera.

Ityoophiyaatti amma vaayrasichi kan irra jiru 37343 yoo a’an, kana keessaa 308 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

Comments (0)
Add Comment