Gabaasa daawwannaa korichi hojiilee qonnaa Oromiyaatti taasiserratti mari’atame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa gabaasa daawwannaa hojiilee misooma qonnaa godinaalee Oromiyaatti taasiserratti mari’atameera.

Korichi dhaabbii tibbana Godinaalee Arsii, Shawaa Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Adaamatti daawwanna taasisaa tureera.

Kaayyoo daawwanaa kunis hojiilee muuxannoo gaggaarii hojjetaman kanneen biroof qooduufi jedhameera.

Gabaasi dhiyaatees bakka hoggantoonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi kanneen biroon argamanitti gamaaggameera.

Daawwannaa isaanis hojiilee misoomaa qonnaa hojjetamaa jiraan akka muuxannoo gaariitti kan ka’an yoo ta’u, keessumaa misoomaa qamadii boneen bu’aalee jajjabeessan argamuu akka fakkeenyaatti eerameera.

Kana malees namootaa dhuunfaa leenjisuun hojiilee qonnaa jalqabsiisuu, dargaggoota ogummaa barataniin gurmeessuun furdisa loonii fi hojiilee qonnaa biroorratti akka bobba’an taasisuun akka ciminaatti kan ka’ee ta’uun ibsameera.

Faayidaa hojjetootaa misoomaa qonnaa eegsisuu dhabuu,karooraa qabamee guutummaatti hojiirra oolchuu dhabuu, carraa hojii umuu fi liqii mijeessuu dhabuun akka hanqinaalee ijootti kan mul’atan ta’uu ibsameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaasee.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment