Gabaasa bara 2014 fi karoora 2015 Paartii Badhaadhinaarraatti ibsi kenname

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Waajjirri olaanaa Partii Badhaadhinaa ibsa gabaasa bara 2014 fi karooraa 2015 irratti gaggeesseera.

Waltajjicharratti Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, haala yeroo akkataa gitun paarticha gurmeessuuf sochii taasifamaa jirurratti bal’inaan ibsa kennaniiru.

Keessumaa gaaffilee ummatarraa ka’an deebisuu kan danda’u, jijjiirama sirnaan ittifufsiisuu fi utubaawwan badhaadhummaa milkeesuuf hoggansa ga’umsa qabu uumuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Imaammannii fi tarsiinoowwan qophaa’an Ityoophiyaarraa darbanii rakkoolee Afrikaa akkataa furuu danda’anirratti hojjetamu akka qabu dubbataniiru.

Raawwii ergama Ashaaraa Magariisaa, hirmaannaa Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa, yaa’ii paartichaa jalqabaa milkaa’inaan gama raawwachuutiin bu’aalleen argaman jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Ga’umsa hoggantootaa guddisuu, hojmaata badaa keessoo qulqulleesuu fi ittigaafatamummaa mirkaneessuun hojmanee paartichaa ta’a jedhaniiru.

Maricharratti hoggantoonni hojii argamuun hojiilee fuulduraaf ergamaa fi kallattiin kennamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment