Gabaan sharafa alaa, fooyyessa diinagdee biyya keessaa waliin hojiirra akka ooluf malee ariitiin kan itti galamuu miti -mootummaa

Finfinnee, Mudee 29, 2012 (FBC) – Gabaan sharafa alaa gatii gabaatin akka murtaa’u taasifamuun, fooyyessa diinagdee biyya keessaa waliin hojiirra akka ooluf malee ariitiin kan itti galamuu miti jedhe mootummaan.
 
Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa fooyyessa diinagdee biyya keessaa Ityoophiyaa waggaa sadiif deeggaruuf liqaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.9 raggaasisuun isaa ni yaadatama.
 
Dhaabbatichi liqicha yammuu raggaasisus Ityoophiyaan fooyyessa diinagdee biyya keessaa taasistu ni utuba qabxiilee jedheen 5 keessaa tokkodha.
 
Maallaqichi gabaa sharafa alaa yeroodhaa gara yerootti geeddaramu tasgabbeessuufis ni oolan yaadame.
 
Gatii guyyaa sharafa alaa amma Ityoophiyaan itti fayyadamtu gabaa biyyoota daldalli alaa waliin gaggeeffamuun walqabsiisee kan tilmaamu Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaati.
 
Fulduratti gatiin sharafa alaa Ityoophiyaan itti fayyadamtu gabaadhan murtaa’a.
 
Kana jechuun ammoo gatiin sharafa alaa oolmaa gabaatti murtaa’a jechuudha.
 
Ityoophiyaan gabaa addunyaatif oomisha ergiturra kan alaa galchitutu caala; kun ammoo Birriin Doolaara Ameerikaa argachuuf ba’u dabaluun daballii gatii uuma sodaa jedhu uuma.
 
Gorsaan invastimantii obbo Yaareed Haaylamasqal ibsa Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa laaterratti “floot” godha yaada jedhu kaasanii, torbeewwan muraasa darban keessa Doolaara tokkorratti daballiin Birrii 2 muul’achuun kanumaafi jedhu.
 
Haaluma kanaan dabalaa deemnan, gatiin gabaa Doolaaraa baankiin alas dabalaa deema.
 
Gatiin gabaa Birrii fi Doolaaraa walqabatee dabalaa deemnan qaala’iinsa gatii gabaa dabalaa deemas jedhu.
 
Haala amma jiruun %20 olo yoo ta’e, gatiin Birrii waa bituu dadhabaa deemuun, gatiin boba’aa qaala’aa deema.
 
Bara Faranjootaa 2018 Ityoophiyaan oomisha Doolaara biiliyoona 17 alaa galchiteetti.
 
Daballichi tilmaama oomisha alaa galu kanarrattis kan mudatu ta’uu eeru.
 
Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa FDRI Dooktar Iyyoob Takkaalliny tilmaamni gatii sharafa alaa diinagdee waliigalaa yookin maakroo waliin kan ilaalamu malee kophaatti kan ilaalamuu miti jedhu.
 
Fooyyessa diinagdee biyya keessaa waggoota sadii keessatti Ityoophiyaan gabaa sharafa alaa gatii gabaatin tilmaamamu ni qabaattis jedhan.
 
Mootummaan Ityoophiyaa bara 2003 %20 oliin, bara 2010 ammoo %15 gatii Birrii akkaataa gabaa biyyoota daldala alaa waliin gaggeessun laaffiseera.
 
Waliigalaan gabaan sharafa alaa gatii gabaatin akka murtaa’u taasifamuun, fooyyessa diinagdee biyya keessaa waliin hojiirra akka oolufi malee ariitiin kan itti galamuu miti jedhameera.
 
 
Kaasaayee Waldeetu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment