Gabaan oomisha Itiyoophiyaa daldala oonlaayinii hojiirra oolchuufi

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Gabaan Omisha Itiyoophiyaa bittoonni fi gurgurtoonni bakkaa jiranii daldala oonlayiniin akka gaggeessaniif pirojektii dandeessisu hojiiraa oolchuuf ta’uun ibsame.

Gabaan omishichaa sdadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo dijitaalawaa qabame bu’uureffachuun sirna bittaa fi gurgurtaa daran babal’isuun oomishaan, dhiyeessaa fi ergitoonni bakka jiran ta’anii bittaa fi gurgurtaa raawwachuu akka danda’aniif pirojektiin daldala oonlaayinii kalaqamuun ibsameera.

Pirojektiin kunis bara 2016’tti kan hojiirra oolfamu ta’uun ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment