Gabaan omishaalee Itiyoophiyaa oomishaalee Birrii biiliyoona 23’tti tilmaamaman walbichisiisuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Bara baajataa 2016 baatiiwwan 11’n darbanitti Gabaan Omishaalee Itiyoophiyaa oomishaalee Birrii biiliyoona 23’tti tilmaamaman walbichisiisuu beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaan Gabaa Oomishaalee Itiyoophiyaa Bahaayiluu Nugusee, dhaabbatichi dameewwan 25 sadarkaa biyyaalessatti qabuutti, oomishaalee meetirik toonii kuma 200 ol simachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan oomishaalee Birrii biiliyoona 26.6’tti tilmaamaman walbichisiisuun ibsameera.

Kunis kan bara darbeen yoo walbira madaalamu buna %18 akkasumas midhaanota zayitaa %45 caalmaa akka qabu eeruun, oomishaalee biroonis guddina argisiisuu eeruu TOI gabaaseera.

Waliigalaan raawwiin kun kan bara darbeen yoo walbira madaalamus %30 guddina argisiisuun eerameera.

Gabaan oomishaalee Itiyoophiyaa oomishaalee haaraa garaa sirna gabichaa galchuuf hojjechaa jiraachuu kaasuun, omishaalee gabaa alaaf dhiyaatan kanneen akka Baaqilaa, Nuugiifi Shumburaa dhiyeenya sirna gabaa keessa galchuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment