Finfinnee, Mudde 29, 2017 (FMC)-Gabaan kaappitaalaa dameen dhuunfaa akka cimuu fi ijaarsa diinagdee hinraafamneef gumaacha olaanaa akka qabu Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa ibse.
Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitichaa Haannaa Tahalquu Itti Gaafatamtuu Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyummaaniin kan qophaa’u sagantaa “Ethiopia In Focus” waliin turtii taasisaniin Gabaan kaappitaalaa hirmaachisummaa faayinaansii, bu’aa qabeessummaa fooyyessa diinagdee hunda galeessaaf, filamaata faayinaansii waaraa uumuuf maddeen qabeenyaa bal’isuuf gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.
Fooyyessii diinagdee taasifame hordofee kan hundeeffame Gabaan Kaappitaalaa dameen dhuunfaa akka cimuu fi ijaarsa diinagdee hinraafamneef gumaacha akka qabaatu dubbataniiru.
Sirna gabaa kaappitaalaa cimaa ijaaruuf ammoo qaama to’ataa cimaa, quunnamsiisaa gabaa amanamaa, teeknooloojii, hammattoowwan mijatoo fi damichi abbummaa aksiyoonaa ummatan akka hogganamu taasisuu gaafata jedhan.
Haaluma kanaan mootummaan gabaa kaappitaalaa wayita eeyyamu, hammattoo seeraa fi abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa damichaa hogganuu akka hundeeffamu taasisuu yaadachiisaniiru.
Aangoo labsiif kennameefiin abbaan taayitichaa hirmaannaa damee dhuunfaa fi mootummaas gama Gabaan Qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaa qabeenya sanadaa walbichisiisuuf eeyyamni kennamuu ibsaniiru.
Gabaan Qabeenya Sanadootaas dhiyeenyatti hojii akka eegalu ibsuu TOI gabaaseera.
Damicharratti dhuunfaanis ta’e shariikummaan kanneen Idil Addunyaarraa hirmaataaniif hojmaata mijeessuu, eeyyama kennuu fi odeeffannoowwan waqtaawaa qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia