Gabaan Kaappitaala Itiyoophiyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuu beeksiise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Gabaan Kaappitaala Itiyoophiyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuun karooraa ol milkeessuu beeksiise.
Dhaabbatichi Adeemsa kaappitaala walitti qabuu xumuruu ibsa har’a miidiyaaleef kenneen himeera.
Abbootii Qabeenyaa Finfinnee, Naayiroobii fi Landan jiraatanirraa Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuu ibseera.
Bara kana Birrii miiliyoona 631 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuu danda’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Dooktar Xilahuun Ismaa’eel himaniiru.
Gabaan Kaappitaalaa Itiyoophiyaa tumsa dhuunfaa fi Mootummaan kan hundaa’e yoo ta’uu, dameen dhuunfaa qooda % 75 qabaata jedhame.
Ashannaaffii Shibbiruu, Hiwoot Abbabaa fi Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment