Gabaan Dilbataa magaalaa Finfinneetti iddoowwan 50 irratti babal’ateera-Aadde Adaanach

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee gabaan Dilbataa Magaalaa Finfinneetti iddoowwan 50 irratti babal’ateera jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanach Fuula Miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, dabalinsa gatii amma jiru tasgabbeessuu fi keessattuu kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabaniif dhiibbaa jireenyaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa taphachuutti argama jedhan.

Dhiyeessii dabaluu fi bal’isuun caalaatti gara uummataatti akka dhiyaatuuf xiyyeeffannoo hojjetama jira jedhaniiru.

Kutaalee magaalaa hundatti gabaan Dilbataa akka babal’atuu fi akka baratamuuf kan haala mijeessitan, kan gaggeessitan hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jirtanii fi dhiyeessitoonni galatooma jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment