Gabaan Dilbataa Finfinnee cimee itti fufeera-aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) –Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee gabaan Dilbataa Finfinnee cimee itti fufuu ibsaniiru.

Gabaan Dilbataa magaalaa Finfinneetti erga eegalee baatiwwan lakkoofsisee fi jiraattoonni magaalichaa shamattoota kallattiin argachuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf kan isaan gargaaruu sirna gabaa fooyya’aa uumaa jiraachuu aadde Adaanach ibsaniiru.

Gabaa Dilbataa kanaan oomishaaleen akka kuduraa fi muduraa, midhaan dheedhii, oomishaalee warshaa gatii madaalawaan jiraattootaaf dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment