Gabaaasni Koomishinichaa fedhii siyaasaa kan anqalbateedha-Landanitti Embaasii Ityoophiyaa

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Gareen Ogeeyyii Koomishinii Mirgootaa Namoomaa Idil Addunyaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsi baasee fedhii siyaasaa kan anqalbatee ta’uu Laandanitti Embaasiin Ityoophiyaa beeksise.

Koomishinii Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa baatii Hagayyaa darbee Manni Maree Nageenyaa Ityoophiyaarratti tarkaanfii akka fudhatu gaafachuun isaa kan yaadatamuudha.

Embaasichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, kutaa Kaabaa Ityoophyaatti maqaa walitti bu’iinsaan yakkoota raawwataman adda baasuu fi dhimmichaan walqabatee qaamolee harka keessaa qaban seeratti dhiyeessuuf kutannoo akka qabu ibsee turuu beeksiseera.

Kanaan walqabatee, dhimmicha kan hordofuu Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Koomishiniin Mirgoota Namoomaa qorannoo waloon gaggeessaaniin, yaadotaa dhiyaatan kan hojiirraa oolchuu koree waloo hundeessuu yaadachiiseera.

Korichis sarbama namoomaa raawwatan keessatti namoota hirmaatan itti gaafatama seeratti dhiyeessuu fudhachuu eeruun, kana qajeelchuuf kan gargaaru tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu beeksiseera.

Ta’us, Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, kana haala faallessuun Ityoophiyaatti walitti bu’iinsa mudatee walqabatee, sarbama mirga namoomaa raawwateera jedhame, qorannoon qulqulleessuf garee Ogeeyyii Koomishinii Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa akka hundaa’u murtoo dabarsuu yaadachiiseera.

Mootummanis murtoo kana manni marichaa dhibba siyaasaa isaa uumuuf meeshaa itti fayyadamuudha jechuun mormuu eeruun, manni marichaa waan gaggeeffamaa jiruuf beekamtii kennuu malee fudhatama dhabsiisuun sirrii akka hintaane ibsichaan hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment