Gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetamaaniin fayyadamtoota ta’aa jirra-Jiraattota Finfinnee

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Biiroon Daldalaa Oromiyaa, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun oomishaalee dhiheessaa jiraniin fayyadamtoota ta’aa jiraachuu jiraatoonni Magaalaa Finfinnee himan.

Kutaalee Magaalaa Finfinneetti gabaa tasgabbeessuuf hojileen hojjatamaa jiran hoggantoota biiroolee Daldalaa Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneen daawwatameera.

Daawwannaa kanaan hanqinni dhiheessii meeshaalee bu’uuraa tibba ayyaanaa akka hinmudannee fi hawaasni magaalichaa gatii madaalawaan akka shamatatu qindoominaan hojjatamaa jiraachuu bakka bu’oonni Yuuniyeeniiwwanii ibsaniiru.

Gammachiis Taarikuutu gabaasee.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment