Gabaa fi sirni qalma Ayyaanaa of eeggannoo cimaan raawwatamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Gabaa fi sirni qalma Ayyaana Hiikaa of eeggannoo cimaan raawwatamuu akka qabu ibsame.
 
Ministiroonni Ministeera Fayyaa fi Daldalaa fi Indaastirii Ayyaana Hiikarratti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannoo godhamuu qabu ilaalchisee har’a ibsa laataniiru.
 
Sirni gabaa Ayyaanaa of eeggannoo cimaan fageenya ofii eeguun raawwatamuu akka qabu Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan hubachiisaniiru.
 
Ragaa amma jiruun vaayrasiin koroonaan namarra gara Horiitti darbuu waan danda’uuf hojmaata barameen gabaatti horii tuttuqurraa of qusachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Yeroo qalmaas of eeggannoo cimaa taasisuun dirqama ta’uu qaba jedhan Dooktar Liyaan.
 
Sirni qalmaa yoo danda’ame ogeeyyiin raawwatamuu akka qabuu fi ogeeyyiin hojii qalmaarratti hirmaataan haguuggii fuulaa fi harkaa fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Iddoo qalmi waliinii raawwatutti namoonni sababa kanaan iddoo tokkotti baayyachuun irra hin jiraatu jedhan Dooktar Liyaan.
 
Foon dheedhii nyaachuun yeroo kanatti hin gorfamu kan jedhan Dooktar Liyaan,namni kamiiyyuu bilcheessuun nyaachuu qaba jedhaniiru.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii gama isaan sababa Ayyaanaan hanqinni dhiyeessii akka hin muuddaneef qophii barbaachisu taasisuu beeksiseera.
 
Dhiyeessii ga’aan waan jiruuf hawaasni soda tokko malee bifa tasgabbii fi of eeggannoo qabuun sirna gabaa raawwachuu akka qabu hubachiiseera.
 
Keessattuu yeroo kanatti fageenyaa of eeguun maatii fi biyyaaf murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu akka qabu ministeerichi yaadachiiseera.
 
Bahaaruu Yidnaqaachawitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment