Gabaa ammayyaa’aa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuuf hojjetamaa jira

Finfinee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Ejensiin Misooma Gabaa Oromiyaa rakkoo gabaa furuuf sirna gabaa ammayyaa’aa fi haqa qabeessa diriirsuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Rakkoo gabaa garbuu biqilaa qonnaan bulaa mudachaa jiru furuuf waltajjiin marii magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii kanarratti hoggantootni olaanoo mootummaa, Yuuniyeenotni Warshaalee biqilaa fi biiraa, qonnaan bultootni fi waldaaleen bu’uraa hirmaachaa jiru.

Qonnaan bultoota oomisha midhaan biilaa irratti bobba’an fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Ejensii Misooma Gabaa Oromiyaa Obbo Gammachis Malaakuu waltajjicha irratti dubbataniiru.

Oomishtootaaf sirna gabaa mijataa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuuf  kan hojjetamu ta’uu ragaan Ejensichaa argame ni muul’is

Comments (0)
Add Comment