Gaazexessitoonni miidiyaalee garaagaraa Giddugala biqiltuuwwanii Gullalleetti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014(FBC)- Sagantaa Waajjirri Muummee Ministeeraa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaaf qopheesseen gaazexeessitoonni miidiyaalee biyya keessaa fi alaarraa walitti bobba’an Giddugala biqiltuuwwanii Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.

Gaazexeessitoonni Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasisan, odeeffannoo sirrii uummata biraan gahuurra darbee itti gaafatamummaa lammummaa dhalootaaf darbu akkasiirratti hirmaachuun hiikkaa hedduu qabaachuu kaasaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Waggoottan 4 darbanitti hojii eegumsa naannoorratti jijjiirama olaanaa fiduu kaasuun, waggoottan itti aananittis biyyarra darbee guutuu addunyaarratti dhiibbaa haala geessisuu danda’uun namni hundi dhaabuufi kunuunsuu akka qabu dhaamaniiru.

Ashaaraan Magariisaa siyaasa waliin hidhata kan hin qabneefi qabeenya dhalootaaf darbu waan ta’eef gaazexeessitoonni dhaabbilee miidiyaa hubannoo uumuufi odeeffannoo sirrii uummata biraan ga’uurratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Addisuu Mulunahitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment