Gaazexeessitoonni garee shororkeessaa shanee sadarkaa idil addunyaatti beeksiisun shakkaman to’ataman

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Gaazexeessitoonni Asoosheetiid Preesii garee shororkeessaa Shanee sadarkaa idil addunyaatti beeksiisuun shakkaman to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.
Shakkamtoonni kunneen garee Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataan shororkeessaa jedhamuun moggaafame beekkamtii akka argatuuf taasiisuu isaaniin to’annoo jala ooluu Biiroo Qorannoo Yakkaa Kominshinii Poolisii Federaalaatti Itti gaafatamaan Diiviizhiin qorannoo Yakkoota shororkeessummaa Inispeektar Tasafaayee olaanaaniin ibsaniiru.
Gaazexeessitoonni kunneen sochii garee shororkeessaa shanee Godina Shawaa Lixaa aanaa Miidaa Qanyii keessa socho’u hordofuun odeeffannoowwan walitti qabuun Isoosheetiid Preesii Keeniyaatti argamuu fi bakka Bu’aa Afrikaa Bahaa kan ta’e Kaaziihaa Gibtsiif ergaa osoo jiranuu to’atamuu himaniiru.
Shakkamtoonni kunneen Garichi beekkamtii akka argatu ergama fudhachuun Sadaasa 16, 2014 gara iddoochaatti imaluun hanga Sadaasa 18, 2014tti waraabbii gaggeessaa turuun proodaakshinii hojjetan erga erganii booda mana jireenyaa fi iddoo hojii isaaniitti Sadaasa 19, 2014 to’annoo jala ooluu himaniiru.
Laabtooppii fi bilbiloota socha’oo harka isaanitti argamerraa ragaan hedduun muul’achuu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment