Gaawwaa Gaanqaatti walitti bu’iinsa uumuun kanneen himataman hidhaa cimaan akka adabaman itti murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 2, 2017 (FBC)- Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Gaawwaa Gaanqaatti jiraattonni akka walitti bu’an taasisaniiru jedhamuun kanneen himataman namoonni 13 hidhaa cimaan akka adabaman Manni Murtii Olaanaa Federalaa murteesse.

Himatamtoonni kunneen Onkololeessa 22, 2013 guyyaa keessaa sa’aatii 9:00-12:00’tti ganda Gaawwaa Gaanqaa keessa dhalattoota saba biraa jiraataan ‘walga’iif barbaadamtu’ jechuun ergaa bakka tokkotti walitti qabanii booda, miseensota Shanee meeshaalee hidhatan biroo waliin ta’uun lubbuun namoota 36 akka darbu, namoonni 20 qaamaa akka miidhamanii fi jiraattonni kumni 1 fi 44 akka buqqa’an taasisuu himata banameen eerameera.

Dabalataan, qabeenya saamuu fi gubuun qabeenyi Birrii miiliyoona 10 fi kuma 601 akka manca’u taasisuu keessatti hirmaataniiru yakka jedhuun himatamuun ibsameera.

Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramadii Lidataa Dhaddacha ooleen namoota himatamtoota qaaman dhiyaatan dabalatee kanneen to’annoo jala hinoolle sadarkaa yakkaa raawwataniin hidhaa cimaa waggaa 5 hanga 14’n akka adabaman murteesseera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment