Gaarummaan ulaagaa kan hin qabnee fi safaramuu kan hin dandeenye – Dooktar Abiy

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Guyyaa Gaarummaa dargaggoota tola ooltummaa naannolee hundaarraa dhufan waliin Addabaabayii michummaatti kabajaniiru.

Dooktar Abiy ‘Gaarummaan biyyaaf’mata duree jedhuun dargaggoota hojii tolaa hojjechaa turan galateeffataniiru.

Gaarummaan ulaagaa kan hin qabnee fi safaramuu kan hin dandeenye ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dargaggoonni tajaajila tolaa kennaa jirtan Itiyoophiyaa cichoomte, Badhaatee fi Afrikaa boonsite akka taatu bu’uura waan keessaniif baga gammaddan jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment