Gaarummaan kennaa fi humna kuufamaa ittiin carroomneedha-TKM

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)-Gaarummaan qabeenyaa irraa hafaa yookaan dandeettii addaa waan qabnuuf kan raawwannuu utuu hintaane kennaa fi humna kuufamaa namni hunduu ittiin carroome ta’uu Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa har’a Qaammee 3, guyyaa Gaarummaa kabajamaa jiru sababeeffachuun ibsa baaseen gaarummaan itti quufiinsa kan ittiin argannu, gammaachuu kan uumnu, biyyi kan ittiin misoomtu namummaa keenyaan kan carroomneedha jedheera.

Gaarummaan qabeenya, irraa hafaa yookaan dandeettii addaa waan qabnuuf kan raawwannu utuu hintaane hunduu kennaa fi humna kuufamaa ittin carroomne ta’uu eereera.

Kennaa kanas gara hojiitti wayita jijjiirru jireenya namootaa jijjiiru, imimmaan namoota rakkoo keessa jiranii kan haquu ta’uu ibsuun, kun ammoo madda itti quufiinsa sammuuti jedheera.

Gaarummaan Itiyoophiyaanotaaf riqicha waliin jireenyaa, fo’aa hariiroo ta’ee, kaleessaa hanga har’aa, haalota qormaataa ta’an hedduu ce’uun har’a kan ga’e duudhaa olaanaadha ta’uu himeera.

Gaarummaan ala, Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni qormaata hedduu, waliin miidhaganii hindarbarsan ture.

Har’a guyyaa gaarummaa wayita kabajnu dameewwan hundaan kanneen gaarummaa raawwatan kabajuu fi tola ooltota hedduu horachuuf ta’uu akeekeera.

Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa muraasa dabarsitee eegalee, mootummaan hojiilee gaarummaaf xiyyeeffannoo kenneen imimmaan namoota hedduu haqameera; manneen moofa’an suphamuu fi harka qalleeyyii hirkata hinqabne manaa argachuu kan yaadachiisee tajaajilichi, gaarummaan kaleessaa hanga duudhaalee gaarii fi har’as duudhaa kana cimsuun dhaloota itti aanutti dabarsuun barbaachisaa ta’uu kaaseera.

Tajaajilli tola ooltummaa dargaggoonnii fi daa’immaan fageenyarraa kan dhaga’an utuu hintaane, shaakala guyyuu jireenyaa isaanii akka ta’uuf mootumaan sagantaa biyyaalessaa tajaajila tola ooltmmaa hawaasaa bocuun hojiilee bal’aan kan gaggeeffaman yoo ta’u, damee kanaan bu’aalee hedduun galmaa’uu eereera.

Har’as, qajeelfama “Gaarummaan ofiifi” jedhuun hojiilee tola ooltummaa irratti hirmaachuun biyya fi ummataaf itti gaafatama nurraa eegamu bahachuu yoo dandeenye karaa hedduun rakkoolee ulfaatoo fakkaatan ce’uu akka dandeenyu, bu’aalee tattaaffii waggoota muraasaa argisiistuu ta’uu himeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment