Gaarummaan dhimma guyyuu hojiirraa oolchuu qabnuudha-Obbo Binnaalfi

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Gaarummaan dhimmaa yeroo hundaa jireenya keessatti hojiirra oolchuu qabnuudha jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalf Andu’aalam.

Guyyaan Gaarummaa mata duree “Gaarummaa biyyaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraan sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.

Guyyaa gaarummaa sababeeffachuun Minsteerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi Ministeerri Nageenyaa dhaabbilee biroo waliin ta’uun marii paanaalii gaggeessaniiru.

Ministirri Nageenyaa Obbo Binnaalf Andu’aalam waltajjicharratti, imala jijjiirama biyya tokkoo taasifamu keessatti hojiileen gaarummaa gahee olaanaa akka qaban ibsuun gaarummaa jireenya guyyuu keenyaa keessatti hojiirraa oolchuu qabna jedhan.

Ministirri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee gama isaaniin gaarummaan dandeettii kaffaltii malee biyyaa fi ummata tajaajiluu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Waggoota dhiyoo as bifa gurmaa’een sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoonni hojii tola ooltummaa irratti hirmaachaa jiraniin bu’aalee hedduun galmaa’aa jiraachuu himaniiru.

Kunis, aadaa ta’ee akka itti fufuuf manni hojii ministeerichaa hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hundeessaan Giddugala Kunuunsaa Maanguddootaa fi Dhibamtootaa Sammuu Meqedooniyaa Biiniyaam Ballaxaan waltajjicharratti ergaa dabarsaniin hojiileen gaarummaa, wareegamaa kan gaafatuu ta’uu fi gahee kanneen biroof jiraachuu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment