Gaareez Saawuzgeet fedhii isaaniin hojii gadi lakkisan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ingiliiz Gaareez Saawuzgeet fedhii isaaniin hojii gadi lakkisan.

Saawuzgeet bara Faranjootaa 2016 eegalee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ingilaandi leenjisaa turaniiru.

Bara 2016 fi 2024 garicha Waancaa Awurooppaan tapha xumuraaf qaqqabsiisaniiru.

Turtii isaaniin Waancaa milkeesuu dhabuu isaaniin komiin irratti ka’aa tureera.

Tapha xumura waancaa Awurooppaa 17ffaa Ispeeniin injifatamuu hordofee fedhii isaaniin hojii leenjisummaa gadi lakkisuu BBCn gabaaseera.

Ingilaandi tapha xumuraa Waancaa Awurooppaa Dilbata darbe Ispeen waliin taphatteen galchii 2 fi 1n injifatamuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment