Gaara kaleessa injifannoo itti galmeessitan jalatti bara haaraa kabajuun hiikoo addaa qaba – Jeneraal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – Gaara kaleessa injifannoo itti galmeessitan jalatti ayyaana bara haaraa kabajuun hiikoo addaa qaba jedhan Ajejaan Waliigalaa Raayyaa IttisaaJeneraal Birihaanuu Juulaan.

Ityoophiyaa baraaruuf waraana gaggeessaa jirruun gareen shororkeessaa lammata deebi’ee akka hin kaaneetti balleessuuf qophiin xumurameera jira jedhan.

Garichi yeroo ammaa milishoota kuma 30 ol dhiyeessaa jechuun ummata Tigraay hiraarsaa jiraachuu dubbataniiru.

Gareen ABUT Raayyaa Ittisaa Ofii ijaare duubaan waraanuun garee badii ta’uu isaan birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf wareegama kaffaluun kan nama boonsu jechuu isaanii EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment