Gaambeellaatti misoomsitoota invastimantiirratti bobba’aniif deeggarsi akka taasisamu ibsame

Gaambeellaatti misoomsitoota invastimantiirratti bobba’aniif deeggarsi akka taasisamu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umud Ujuluu naannichatti abbootii qabeenyaa dameewwan invastimantii garaagaraarratti bobba’uu barbaadaaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsan.

Obbo Umud naannicha Aanaa Googitti abbaa qabeenyaa tokkoon hojiilee invastimantii hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Naannichi misooma qonnaaf lafa mijatu, bishaan lafaa jalaa fi irraa akka qabu ibsaniiru.

Qabeenyi kanas sirnaan misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf, xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment