Gaambeellaatti Hoggantoonni 13 aangoorraa kaafaman

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Rakkoo nageenyaa mudatee turee sababeeffachuun gamaaggamaa gaggeeffameen hoggantoonni 13 aangoo isaaniirraa kaafamuu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umod Ujulun beeksisan.

Akkasumas muudama haaraa fi jijjiirraan bakkaa hoggantoota 55 gaggeeffamuu ibsaniiru.

Hoggantoonni guutummaan aangoo isaaniirraa kaafaman hojmaataa badaan, raawwii fi rakkoo nageenyaan hanqina kan qaban ta’uu eeramuu ragaan kominikeeshinii naanichaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni haaraa muudamanii fi jijjiiraa bakkan gara hoggansaatti dhufan gaaffilee bulchiinsa gaarii fi nageenyaa ummata naannichaa ni furuun kan eegamu ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment