Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti haala nageenya naannichaa waaraan furuun danda’amurratti mariin gaggeeffamaa jira.
Haala gurmaa’iinsaa Mana Maree Nageenyaa sadarkaan jiru cimsuun danda’amurratti bakka Pireezidaantiin naannichaa Obbo Uumood Ujuluun argamanitti mariin gaggeeffamaa jira.
Marichaan hojiilee nageenyaa ijoo hanga ammaatti raawwatame gamaaggamuun kallattii fi murtoowwan ni darbuun kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.