Gaambeellaatti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC) –Magaalaa Gaambeellaa Naannawaa Baaroo Maadootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe.

Ittaanaan Komishinaraa fi Itti Gaaftamaan Damee Qorannoo Yakkaa Koomishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Uchaan Uboongi akka ibsanitti, balichaan lubbuu poolisoota addaa sadii dabalatee waardiyyaa buufata boba’aa tokkoo darbeera.

Konkolaachisaa dabaltee namootaa sadiirraa miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabuu eeraniiru.

Balichi guyyaa kaleessaa galgalaa naannawaa sa’aatii 3:00’tti kan mudate yoo ta’u, konkolaataan poolisoota fe’ee hojiif socho’aa ture daandii gadii lakkisuun kan qaqqabe ta’uu ibsameera.

Balaa mudatee kanaan namoota dabaltee qabeenyaarraan miidhaan qaqqabuu ragaan pirees sekireetaariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ka’umsii balichaa maal akka ta’e qoratamaa jiraachuun himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment