Gaambeellaatti balaa lolaa mudateen jiraattonni qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti balaa lolaa mudateen jiraattonni qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’uun ibsame.

Eejansiin Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa lammiilee qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’an deeggaruuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera.

Prees Sakreetaariyaatiin naannoo Gaambeellaa akka beeksisetti lageen jajjaboo 4 guutuu isaanitiin godina Nuweer aanaa Laaree, Jikaawoo, Waantiwaa, Maakoowooy, Akooboo, godina Anyuwaa aanaa Jornaa, Gaambeellaa dabalatee iddoowwan muraasatti balaan lolaa mudateera.

Godina Nuweer aanaa Waantuwaatti gandoota 16 jiraattonni 4,500 ol qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqaafamaniiru.

Aanaa Laareetti jiraattonni gandoota 28 yoo buqqa’an, qabeenya isaaniitirras miidhaan qaqqabeera.

Eejansichi deeggarsa mootummaa federaalaarraa ergame dabalatee mootummaan naannichaa midhaanii fi meeshaalee addaddaa Birrii miiliyoona 1.5 bite qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment