Gaaffin hordoftoota amantaa Islaamaa deebi’uu gumichi beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Gaaffin hordoftoota amantaa Islaamaa Ityoophiyaa barootaf ture deebi’uu Gumiin Dhimma Islaamummaa Oromiyaa beeksise.

Gumichi har’a HoteelaIlilliitti ibsa laatera.

Preezidaantiin gumichaa Sheek Hajjii Ibrahiim hordoftoonni amantaa Islaamaa sirnoota darban keessa akka lammii lammaffaatti laalamaa tureera jedhan.

Gaaffin qaama seerummaa Mana Maree Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa kan turedha; amma deebii argachuu isaatin gammanneerras jedhan.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa ijaarsa biyyaa keessatti sadarkaa gumaacha taasisaniin beekamtii akanaa argachuun, caalmaan akka hojjetan nama kakaasa jedhan.

Sheek Hajjii Ibrahiim ummanni weerara vaayrasii koroonaarraa akka of eegus dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment