Gaaffileen kamiyyuu deebii kan argatan nageenyaaf dursa kennuunii-Dooktar Sammaa Xurunaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Gaaffiileen kamiyyuu deebii kan argatan walitti bu’iinsaa fi jeequmsa uumuun osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuun akka ta’e Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantitti Qindeessaan Kilaastara Dhimmoota Bulchiinsaa Naannoo Amaaraa Dooktar Sammaa Xuruunaan ibsan.

Dooktar Sammaan haala nageenyaa naannichaa ilaalchisuun ibsaa kennaniin, gareen hattootaa gurma’an hidhannoon deeggaramuun naannichaa giddugala jeequmsaa taasisuuf socho’eeraa jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Birmadummaa biyyaaf gachaana ta’e maqaa balleessuuf gareen socho’aaniis jiraachuu eeraniiru.

Haa ta’uu malee, Raayyaan Ittisa Biyyaa naannichaatti nageenyaaf tasgabbiin akka mirkanaa’uuf aantuummaa ummataaf qabu qabatamaan argisiisuu ibsaniiru.

Uummanni naannichaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin qindoomuun nageenyaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf hirmannaa taasisaniif galaatteeffachuu TOI gabaaseera.

Haaluma kanaan Dooktar Saammaan, gaaffileen kamiyyuu deebii kan argatan walitti bu’iinsaa fi jeequmsaan osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuun ta’uu eeruun, gareen badii kun uummata naannichaa jeequmsaaf saaxiluuf socho’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment