Hojmaata badaan gufuu hojiilee riiformii biyyattiitti gaggeeffamaa jiraanii yoo ta’u, hojmaannii badaan kunneen maal fa’ii?, Sirreessuuhoo tarkaanfiin fudhatamuuf yaadame maali?
Misooma kooriidariirratti dhiibbaa fi hanqina mudachuu malurratti ibsi utuu kenname?
Lammiileen bakka bakkatti nagaan socho’anii akka hojjetan mootummaan yoom taasisa?
Dinagdee guddisuuf dhimmoota bal’inaan hojjetamuuf yaadaman ibsi utuu hinkennamne.
Imaamanni Bulchiinsi sharafa alaa erga fooyyeffamee, bara baajataa 2017 sharafaa alaa irratti bu’aan argamsiisa jedhamee eegamu maalii? Imaammanni bulchiinsa sharafaa alaa utuu hinfooyyeffamiin duraa hanqina sharafaa alaatiin dhiibbaan uume maali?
Damee faayinaansiirratti jijjiirama dhufee fi damichaa fooyyessuuf gama mootummaan maaltu karoorfame?
Hariiroon gamlamee chaayinaa waliin jiru hikkaa dippilomaasummaa qabuu fi biyyattiif hiikaan qabu utuu ibsame
Gaaffiilee ummataa sabdaneessummaa tokkummaa cimsaaniirratti mootummaan maal yaadaa jira
Qaala’iinsa jireenyaa tsagabbeesuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiru. Ta’us lammiileen galii gadaanaa argatan rakkoo keessa gala jiru. Riifoormii diinagdee fooyyessuu keessatti lammiileef sirreeffamaa miindaa fi deeggarsi garagaraa akka taasifaman waadaan galaman jiraatanis hanga ammaatti hojiitti hinseenamne. Maaliif?
Qaala’iinsa jireenyaa mudachuu malu tasfgabbeesuuhoo bara 2017tti maaltu yaadame
Carraalee hojii haaraa dameewwan garagraattiin umamuuf yaadamanirratti ibsi bal’aan utuu kenname.
Akka biyyattii hanqina kitaabilee barnootaa furuuf maaltu yaadame?
Qorannoo fooyyessaa siviil sarvisii karaa bu’aa qabeessaa ta’een hojiirraa oolchuuf maaltu yaadame?
Marii biyyaalessaa fi ce’umsi haqaa sadarkaa maaliirraa jira?