Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Gaaffiin misooma buufata xiyyaaraa hawaasni bara dheeraaf gaafataa ture yeroo kanatti deebii argachuun isaa ummata keenyaaf taatee seenaa qabeessa bu’aa qabsoo bara dheerati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Guyyaa har’aa, sirna balalii eegalchiisuu Buufata Xayyaaraa Guddinaa Tumsaa Naqamtee (Gudina Tumsa Nekemte Airport) maqaa qabsaa’aa Oromoo Luba Guddinaa Tumsaatiin moggaafame gahuu keenyaaf Ummanni Godinaalee Wallaggaa akkasumas ummanni Oromoo marri baga gammaddan jechuuniiru.
Buufanni xayyaaraa magaalaa Dambidoolloo ji’oota sadi dura hojii jalqabellee, Buufata Xayyaaraa Hayilee Fidaa Dambiidoolloo (Hayile Fida Dembidolo Airport) jedhamee maqaa qabsaa’aa Oromoo Dr. Hayilee Fidaatiin moggaafamuu isaatiin irra deebiin baga gammaddan!
Gaaffiin misooma buufata xayyaaraa hawaasni naannawichaa bara dheeraaf gaafataa ture yeroo kanatti deebii argachuun isaa ummata keenyaaf taatee seenaa qabeessa bu’aa qabsoo bara dheerati.
Taateen kun, boqonnaan qabsoo ummata Oromoo sadarkaa ittaanutti ce’uu isaatiif ashaaraa hinhaqamne kan kaa’edha.
Naannaawi Oromiyaa kun, lafa waa hundaan badhaadhefi qe’ee irraaf jalli dilbii qaaliin eebbifame ta’ullee, gaaffiin hidhamiinsa daandii qilleensaa bara dheeraaf ka’aa ture moggaatti dhiibamaa tureera.
Ijaarsi buufataalee xiyyaaraa kunneen, qabeenyafi dilbii olaanaa naannawichaa gabaa, faayinaansiifi beekumsa giddugaleessaafi biyya alaatiin karaa daandii qilleensaa walitti hidhuun fayyadamummaa ummanni keenya gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin argachuu qabu kan mirkaneessuudha.
Buufataaleen kunneen, hangafoota qabsoo Oromoo kan ta’an, Luba Guddinaa Tumsaafi Dr. Hayilee Fidaatiin moggaafamuun isaanii, mootummaan qabsaa’ota qaalii mirga abbaa biyyummaa/siyaasa, dinagdeefi dimokraasi ummata Oromoo kabachiisuuf jecha hanga wareegama lubbuu kaffaluutti deeman akka hindaganne mirkaneessuu cinaatti, dhaloonni har’aas saba ofiitiif dhaabbachuun kabaja seenaan bara baraaf hindaganne ta’uu hubatee akka socho’u kan kakaasuudha.
Mootummaan jijjiiramaa keenya, gara fuula duraattis, milkaa’inoota kana fakkaataniin osoo hincaaqin, pirojektoota misoomaa hojiirra jiraniifi haaraa bocee gara raawwiitti galuun gaaffii hawaas-dinagdeefi siyaasaa hawaasa naannawichaa akkasumas ummata Oromoo maraa, deebisaa imaanaa qabsaa’ota ummata keenyaa kan bahatu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.
Irra deebiin baga gammaddan!
Qabsaa’onni keenya — qabsoon kumaa kitila itti kaffaltan bu’aa fideeraa; aarsaa keessaniif galatoomaa jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia