Gaaffiin mirga wabii Luba Balaay Makonniin faan dhiyeessan kufaa ta’e

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Lakkoofsa Herreega Baankii Gamtaa Afrikaarraa Sanada Sobaan Doolaaraa miiliyoona 6 fi kuma 50 waliindhahuun kan himataman gaaffiin mirga wabii Luba Balaay Makonniin faan dhiyeessan kufaa ta’eera.
Lakkoofsa Herrega Baankii Gamtaa Afriikaa irraa kaffaltiiin Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa dhiyeessuun yakka malaammaltummaa cimaa himatamuun isaaniin kan yaadatamuudha.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa Lidataa Ramaddii 3ffaan beellama har’aan gaaffii mirga wabii dhiyaate ilaalchisee falmii turerratti yaada murtoo kenneera.
Haaluma kanaan hanga beellama itti aanu caamsaa 29, 2016tti himatamtoonni bakkuma jiran akka turan eeyyameera.
Himatamtootaa 4ffaa fi 5ffaa hanga ammaatti to’annoo jala hin oolle Poolisiin hordoffii malu taasiisuun akka dhiyeessu ajajeera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment