Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa waloo biyyootaa kan guddisuudha-Hayyoota

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa adeemsa dippilomaasii bilchina qabu kan hordofee fi faayidaa fi mirga biyya kamiiyyuu kan hintuqne ta’uu hayyoonni ibsan.

Mirga karra galaanaa fayyadamuu fi kallattii dippiloomaasii Itiyoophiyaan qabatte ilaalchisuun dippiloomaatiin duraanii Ambaasaaddar Xirunaa Zeenaan akka jedhanitti, mirgi karra galaanaa fayyadamuu gaaffii Itiyoophiyaanotaa yeroo dheeraati.

Gaaffii ummataa yeroo dheeraa deebisuuf ammoo qajeeltoo kennanii fudhachuu fi fayyadamummaa waloo bu’uureffachuun tattaaffii dippilomaasii yeroon gaafatuu fi mirga biyyoota kan hintuqne ta’uu akeekaniiru.

Adeemsi dippiloomaasii Itiyoophiyaan hordofte biyyoota karraa galaanaa qaban waliin mari’achuun waliigalteen fayyadamuu fi qajeeltoo waloon misoomuu ta’uu ibsaniiru.

Dippilomaasii fayyadamummaa waloorratti bu’uureffate hordofuun walitti hidhamiinsa naannawaa uumuu kan dandeessisu ta’uu, adeemsi Itiyoophiyaas haala kanaan itti fufuu akka qabu Ambaasaddar Xurunaan dubbataniiru.

Itiyoophiyaan keessumaa biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin walta’iinsa uumuu fi qajeeltoo kennanii fudhachuu bu’uureffachuun fayyadamummaa ummataa fi guddina diinagdee saffisiisuuf ejjennoo qabatte cimsitee itti fufuu qabdi jedhaniiru.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Hayyuun Seeraa Idil Addunyaa Saadiiq Adam gama isaaniin, gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa seera idil addunyaa kan bu’uureffate ta’uun karaa kamuu fudhatama kan qabuudha jedhan.

Itiyoophiyaan karraa galaanaa akka qabaattuuf seeronni idil addunyaa deegaruu danda’an raggaasifamanii jiraachuu kaasanii, raggaasifamoota kanneen fayyadamuun biyyoonni hedduun karraa galaanaa argachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Karra galaanaa argachuuf filmaatawwan dhiyeessiteeen Itiyoophiyaan, waloon misoomsuuf bakka olaanaa kan kennitu ta’uu kan akeeku ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment