Gaaffiilee lammiileen haqaan walqabatee kaasan deebiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Gaaffiilee lammiileen haqaan walqabatee kaasan deebii akka argatuuf hojjetamaa jiraachuu Manni Maree Federeeshinii beeksise.
Sanada Wixinee hojmaataa fi sirna Yaa’iin Qorannoo Dhimmoota Heera Mootummaa itti durfamuratti mariin gaggeeffamaa jira.
Yaa’iin Qorannoo Dhimmoota Heera Mootummaa hojmaatilee heera mootummaa waliin walfaallessan qorachuun Mana marichaaf dhiyeessaa turuu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Yaa’ichi dhaabbata seeraa isa guddaa waan ta’eef hojimaataa fi sirna ittiin durfamu qopheessuun yaadonni murtee Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessu gaaffii lammiileen haqaan walqabatee keessaniif deebiif laachuuf daraan murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yaa’ichi erga hundaa’ee eegalee dhimmoota heera mootummaa hedduu qorachuu fi murtee itti kennaa jiraachuu Walitti qabaan Yaa’ichaa fi Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teediroos Mihirat ibsaniiru.
Iyyannoo fi gaaffii hiikkaa heera mootummaan walqabatanii dhiyaatan qulqulleessuun saffisaa fi iftoominaan akka dhiyeessuuf hojimaannii fi sirni ittiin durfamu qophaa’uun irratti mari’atamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sandani kun erga irratti mari’atamee booda Mana Maree Federeeshiniif dhiyaata jedhame.
Miniyichil Azzazaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment