Gaaffii Uummataa deebisuuf hojiilee hojjetamaa jiran cimsuun barbaachisaadha –Obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015(FBC)- Gaaffii Uummataa deebisuuf hojiilee naannichatti hojjetaman cimsuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin ibsan.

Manni Maree Naannoo Hararii raawwii karoora guyyoota 100 naannichaa gamaaggameera.

Naannichatti hojiilee jajjabeessoo guyyoottan 100 darbanitti hojjetaman cimsuuniifi hanqinaalee jiran furuun barbaachisaa ta’uus Obbo Oordiin eeraniiru.

Hojiilee qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf eegalaman itti fufuu akka qaban kaasaniiru.

Dargaggootaaf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatamuu akka qabuufi haalota mijatoo uumuun barbaachisaa ta’uu eeruun, oomishaafi oomishtummaan qonnaan bultootaa akka guddatuuf hojjetamuu qaba jedhan.

Gaaffileen bu’uuraalee misoomaa haala barbaachisaa ta’een deebii akka argataniifi bakkeewwan gahumsa tuurizimii naannichaa babal’isuun damichi guddachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Naannichatti nageenyiifi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf akkasumas ijaarsa seeraan alaafi weerara lafaa ittisuuf hoggansi xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Gaaffilen bulchiinsa gaarii deebii akka argataniif xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaa ta’uu eeruun, hannaafi hojiimaata badaa ittisuuf qabsoon farra malaammaltummaa eegalame cimee itti fufuu qaba jechuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment