Gaaffii hiikkaa heeraaf deebii laachuuf hojjeetama jira- aadde Ma’aazaa Ashannaafii

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Uumataatin gaaffi dhiyaate hiikkaa heeraaf, yeroo gabaaba keessatti deebii laachuuf hojjetamaa jiraachuu preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafiin ibsan.

Manni maree bakka bu’ootaa, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa akka hin gaggeeffaamne beeksisuu isaa waliin wal qabsiisee hiikkaan heeraa akka kennamuuf murtoo dabarsuun isaa ni yaadatama.

Aadde Ma’aazaa Ashannaafii, adeemsasarratti guyyaa hara’aa ibsa laataniiru.

Aadde Ma’aazaa ibsichaan, gaffii hiikkaa heeraa dhiyaate yeroo gabaaba keessaatti deebii laachuuf hojjeetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama gaaffii hiikkaa heeraa dhiyaatef miseensi Yaa’ii Qulqulleessituu Heeraa hojiirra jiran 10 hojii eegaluu himaniiru.

Dhimmichaaf hiikkaan heeraa barbaachisaa ta’uun ni qoratama kan jedhan aadde Ma’aazaan, gaffichaaf hiikkaan kan keennamu yoo ta’e, yanni murtoo mana maree federeeshiiniif ni dhiyaata jedhaniiru.

Guyyaa boriis ogeeyyota seeraa waliin mariin ummataaf dhiyaatu ni gaggeeffama jedhaniiru.

Haayilayyasuus Makoonnintu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment