Gaaffii dhiyeessii elektirikii biyyootaaf adeemsan deebii kennuuf hojjetamaa jira-HEI

Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)-Biyyoota gaaffii dhiyeessii elektirikii Itiyoophiyaaf dhiyeessaaniif adeemsaan deebii kennuuf hojjetamaa jiraachuu Humni Elektirikii Itiyoophiyaa ibse.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Humnichaa Injiinar Ashabbir Baalchaan akka ibsanitti, maddeen haareffamaarraa elektirikii maddisiisuun Afrikaarraa adda duree kan taate Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa damichaanis ta’e fayyadamummaa naannawichaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisuu itti fufteetti.

Adeemsa hanga ammaatiin biyyoonni ollaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaan Itiyoophiyaarraa fayyadamtoota humnaa ta’uu ibsanii, dhiyeenyattis Taanzaaniyaatti gurguruuf diriirsi bu’uuraalee misoomaa xumuramuu kaasaniiru.

Humna elektirikii maddisiistuu %90 fedhii biyya keessaaf, %10 ammoo biyyoota garaagaraaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Fuuldurattis tattaaffiin dhaqqabummaa fi misooma humnaa cimee itti fufa jedhanii, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaan fayyadamummaa humnaaf gaaffii dhiyeessuu yaadachiisaniiru.

Kunis qorannoon ijaarsi buufataalee dabarsa humnaa wayita gaggeeffamu deebiin kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Gurgurtaan humna elektirikii Itiyoophiyaa biyyoota ollaa fayyadamtoota taasisuu bira darbee galii sharafa alaa ta’uu eeruun, hojii misoomaa fi walitti hidhamiinsi humnaa naannawaa cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Bara baajataa kana kurmaana jalqabaatti gurgurtaa humna elektirikii biyyoota ollaaf dhiyaataan irraa galii Doolaara miiliyoona 31.5 argachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment