Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Fuuncaa Sonaa Sanyii fooyyessuuf hojiileen qorannoo gahee olaanaa akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen dubbatan.
Waltajjiin marii Sirna Sanyii Mishingaarratti xiyyeeffate Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaatti gaggeeffameera.
Maricharratti Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, fuuncaa sona sanyiirratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabuu fi hojiin qorannoos gumaachi damichaaf qabaatu olaanaa ta’uu akeekaniiru.
Daayrektarri Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Dooktar Fattoo Ismoo gama isaaniin, barbaachisummaa sanyiin damee qonnaaf qabaaturratti ibsa kennaniiru.
Kaayyoon marichaas sanyii Mshingaarratti hojjechuun akkataa danda’murratti kan xiyyeeffate ta’uu himan.
Looreetiin Addunyaa Pirofeesar Gabbisa Ejjetaan gama isaaniin, hojiin sanyii filatamaa qorannoon baasuu Ameerikaatti ergaa eegalee waggoota hedduu kan lakkoofsise yoo ta’u, qonnaan bultoota hedduu fayyadamtoota taasisaa akka jiru himan.
Humni namaa saayinsii fi teeknooloojiin ga’oome barbaachisaa ta’uu hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia